'Tiraamp fi Vaans kabaja namaa hin qaban' - Lammiilee Yukireen

Facebook Twitter LinkedIn
'Tiraamp fi Vaans kabaja namaa hin qaban' - Lammiilee Yukireen

Voloodmiir Zeleeniskiin Waayit Haawusitti gaaffii hin eegamneen atakaaroon isaan mudachuunis tahe, faara dippiloomaasiin dubbii otooma goolabaniiru tahes daawwannaan isaanii Yukireenf dhimma hamtuu ture.

Magaalaa guddoo Yukireen Kiiv irraa warreen daawwataniif egereen biyyasaanii wabii malee waan hafe fakkaata.

''Haasaa miiraan guutame ture, garuu pireezidantii keenya nan hubadha,'' jechuun dubbatti Yuuliyaa, lammiin Yukireen.

''Haasaan Zeleeniskii seera dippiloomaasii kan hordofe tahuu dhiisuu mala, garuummoo haqa dubbate. Waa'ee jireenyaati, nuyi jiraachuu barbaanna.''

Yuuliyaan haala siyaasaa Yukireen yaadachuun biyyattiin yoo haleellaan itti jabaatu tokkummaan ishees akkasuma jabaata jetti.

Raashiyaan bara 2022 Yukireen weeraruun dura amanamummaan Pireezidant Zeleeniskiin uummata biratti qaban %37 yoo tahu waraannii jalqabuun booda garuu %90 taheera.

Donaaldi Tiraamp gara Waayit Haawus deebi'uun dura jalqaba bara 2025tti %52 ture, erga Tiraamp Yukireentu waraana jalqabe jedhan booda haalli amanamummaa isaanii kuni gara %65tti guddate.

''Donaaldi Tiraampiifi ittaanaan isaanii Vaans JD kabaja hin qaban,'' jedha namni ganna 30 Andrii. ''Ummata Yukireen hin kabajan.''

''Waashingitan waan Raashiyaa deeggartu fakkaata!'' jedhe dargaggoon ganna 26 Dimiitroo jedhamu.

Sa'atii 24 darbanitti fudhatama Pireezidant Zeleeniskii irratti waan uumame arguu dandeessa jedha.

''Yeroo dubbiin hammaatu, alaabaa jalatti walitti qabaman,'' jechuun Inistitiyuutii Sosholoolojii Addunyaa, Kiviitti daarektara kan tahan Voloodmiir Paaniyootoon ibsu.

Beekamtiin hogganoota addunyaa yeroo keessa hir'isaa adeema Zeleeniskiinis kanarraa waan hafu miti jedhu Paaniyootoon.

Fudhatamni Zeleeniskii bara 2023 yeroo Yukireen haleellaa raawwattee hin milkaa'in hafteefi pireezidantichi koomaandara beekamaa waraanaa Vaaleerii Zaaluuzyinyii ari'anitti gadi bu'ee ture.

Haa tahu malee, adeemsi Donaald Tiraamp doorsisa of keessaa qabu biyyattiin akka tokko taatuufi egereef akka qophooftu gochaa jira.

Walitti siquun inni Raashiyaa waliin taasisu kan eeramu dha.

''Haleelamuu keenyaaf adabamaa jirra'

Miseeensi Paarlaamaa paartii mormituu Innaa Soovsuun, ''miirri keenyi jalqabaa rifannaa ture,'' jetti.

''Pireezidantiin weerara Raashiyaan saaxilamaa tahe hogganoota biyya bilisaan yeroo qeeqamu ilaaluu ulfaataa ture,'' dabaluunis, ''nama dhukkuba,'' jette.

Miidiyaaleen Yukireen waan Waayit Haawusitti tahe haala madaalawaa jedhamuun dhiyeessan: waliigalteen albuudaa Ameerikaafi Yukireen gidduutti hin mallattoofne.

Ameerikaan wabii nageenyaa isa Kiiv if Awurooppaan barbaadaa turan waliigalticha keessa hin galchine taha, Zeleeniskiifis akka jedhame waan isa hawwate hin turre.

''Awurooppaa, Kanaadaa, Awustiraaliyaa fi Jaappaan warreen deeggaraa turanirraa michooma jabaa argachuu qabna,'' jetti Soovsuun.

Waashingitaniif Kiiv gidduu miirri walitti mufachuu guddaa akka jiru mul'ata.

Haa tahu malee, Soovsuun Yuukireen marii dhaabuu qabdi jettee hin yaaddu, inumaa marii kana bifa haaraan as fiduu qabdi jette.

''Qaama gidduugalaa isa sirrii argachuun murteessaa dha,'' jetti.

''Nama Tiraamp beekamtii kennuufi danda'u akkasumas ammoo kan nuti amannu. Kan akka hoggantuu Xaaliyaanii Joorjiyaa Meloonii fa'i,'' jette.

''Haala kam keessattiyyuu pireezidantiin keenya akka aangoo gadhiisu waamicha taasifamu hin fudhannu. Ani kana akka paartii mormituuttin haasa'a. Sun yaad-rimee demookiraasii ni sarba.''

Zeleeniskiin yeroo Waashingitan deeme nagaa waaraan dhufa jedhee abdiidhaan ture. Miseensi Paarlaamaa Sovsuun Yukireen caalaa kan nagaa barbaadu hin jiru jetti.

Sovsuun dabalatee lammiileen Yukireen baayyeen kan hin barbaanne garuu waliigaltee jarjaraa dha.

Dhukaasa dhaabuun 2014 fi 2015tti Raashiyaa waliin taasifame waggoota booda weerara raawwattuuf akka qophooftu godheeni jetti.

Miseensi paarlaamaa biraa Yukireen Ivaanaa Kiliipuush Siintisaadee lammata filamuun Tiraamp biyyasheef gaarii tahuu akka hin malle hubattus sadarkaa kanaan taha jettee garuu hin yaadne.

''Waliigalteen albuudaa Ameerikaan Yukireeniin waraanaan akka deeggartu hin dirqisiisu, deeggarsa kennuuyyuu akka itti fuftu hin godhu,'' jetti.

Paarlaamaan Zeleeniskii duuba dhaabbatus miseensi paarlaamaa kuni mariin akka itti fufu waamicha dhiyeessiti.

Waca waltajjii addunyaa

Oduun waraana kana dhaabuu otoo adeemaa jiruu meeshaaleen waraanaa Yukireen keessa seenaa haleellaan raawwachaa jira.

Raashiyaan fedhii Yukireen akka harka kennitu qabduufi naannolee biyyattii afur to'achuurraa boodatti hin deebitu.

''Waraanni kuni naannoo murtaa'etti ykn magaalaa muraasa keessa qofa miti kan jiru,'' jedhu Taaraas Chamuut, hogganaan Faawundeedhinii Come Back Alive jedhamu.

Raashiyaan bara 2014 Kireemiyaa weeraruun booda dhaabbanni kuni loltoota Yukireeniif meeshaa waraanaa walitti qaba.

''Waraanni kuni waggooti dhufanitti akkaataa addunyaan kuni itti bultu murteessa. Akkaataa waraanni kuni itti adeemu jiraachuu addunyaa kanaa murteessa,'' jedhu.

Tiraamp ''Dursa Ameerikaaf'' waan jedhuuf ardii inni irraa fedhii hin qabnetti Awurooppaan wabii nageenyaa akka kennitu barbaada.

''Awurooppaan ammoo dhimma kanarratti wal hirtee jirti. Deeggarsa Ameerikaa malee nagaan waan bu'u miti.

''Awuroppaa fi addunyaan ammas ija dunuunfatanii raajiitti amanu garuu raajiin gadi bu'u hin jiru,'' jedhu Chamuut.

''Biyyooti haala qabatamaa jiru fudhachuun waa raawwachuu qabu. Yoo tahuu baate biyyi kaan hireen Yukireen isa gaha.''

admin

admin

Content creator at LTD News. Passionate about delivering high-quality news and stories.

Comments

Leave a Comment

Be the first to comment on this article!
Loading...

Loading next article...

You've read all our articles!

Error loading more articles

loader