Garee Kurdii ugguramee ture PKKn erga hogganaansaa mana hidhaa jiru Abdullaah Okalaan waraana akka hiikatanii garicha diiganiif waamicha dhiheessen booda Turkii waliin dhukaasa dhaabuu labseera.
Ibsa Sambata baaseen PKK, adeemsa hidhannoo hiikkachuu geggeessuu akka danda'uuf Turkiyaan hogganaa isaanii kan bara 1999 irraa eegalee kophaatti hidhamee kana akka gadhiiftu abdii qaba jedheera.
Torban kana keessa Abdullaah qabsoo hidhannoo waggoota kurnan afuriif kibba baha Turkiyaa keessatti lubbuu namoota kuma kudhaniin lakkaa'amanii galaaffate xumuramuuf akka kaayyeffate dubbate.
Beeksisni isaanii kan ba'e ji'a tokko erga hogganaa paartii Sabboonummaa leellisuu (MHP) Devileet Bahcelii fi michuu mootummaa Turkii waldhabdee kana xumuruuf tattaaffii jalqaban
Ocalan – kan sabboontoonni Kurdii maqaa jaalalaan Apo jedhanii waaman - miseensota paarlaamaa paartii Kurdoota deggeran waliin kibba-lixa Istaanbul odola galaana Marmaraa irratti kana argamtu Imralii bakka inni itti hidhameetti wal argan.
Koreen hojii raawwachiiftuu PKK ibsa Sambata baaseen, "Waamicha nagaa fi dimokiraasii hogganaan keenya Apo'n dhiheesseef karaa saaquuf jecha, har'a irraa kaasee dhukaasa dhaabna" jedheera.
Humni keenya tokkollee yoo haleelame malee tarkaanfii hidhannoo hin fudhatu,'' jechuun dabalee dubbateera.
Dhaaba hojjettoota Kurdistaan kan ta'e PKK'n haalli mana hidhaa Ocalan salphachuu qaba jedheera, ''hiriyoota isaa dabalatee nama barbaadu kamiyyuu waliin hariiroo uumuu danda'uu qaba" jedheera.
Gareen kun bara 1984 irraa eegalee fincila kan geggeesse yoo ta'u, kaayyoon isaas Kurdootaaf biyya tokko hundeessuu. Kurdoonni namoota Turkiyaa miliyoona 85 keessaa % 20 ta'an.
Turkii, Gamtaa Awurooppaa, UK fi US keessatti garee shororkeessaa ta'uun ugguraman.
Xalayaa miseensaa paartii Dem Ahimeet Turkii fi Peervin Buldaan Afaan Kurdootaa fi Turkiin dubbifameen Ocalan gareen kun hidhannoo akka hiikatan kan gaafateedha.
"Gareewwan hundi hidhannoo hiikatee, PKK'nis ofumaa diigamuu qaba" jedhe.
Sochiin isaas kan ijaarame adda durummaan ''chaanaalii siyaasa dimokiraatawaa cufamee waan tureef '' jedheera.
Haa ta'u malee, mallattoo gaarii Pirezidaantii Turkii Recep Tayyip Erdogan fi dhaabbilee siyaasaa biroo irraa argameen, PKKn akka hidhannoo hiikatuuf haala sirrii ta'e uumeera jedhan Ocalan.
Hoggantoonni Kurdootaa baay'inaan yaada kana simataniiru.
Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman ibsa kana magaalota hedduu keessatti walitti qabamanii ibsa kana iskiriinii gurguddaa irratti ilaalaa turan.
Haa ta'u malee, kunis jijjirama fidusaa kan hin amanne jiru.
Torban darbe ajajaan olaanaa PKK Duraan Kalkaan, paartiin Turkii bulchaa jiru, AKP, furmaata barbaadaa osoo hin taane ''to'achuuf fi balleessuu barbaadan." Jedhe.
Humnoonni Kaaba Bahaa Sooriyaatti Turkiin deeggaraman duula humnoota Kurdootaa irratti taasisan cimsanii kan jiran yoo ta'u, ji'a darbe hoggantoonni haaraan Sooriyaa humnoota dimokiraasii Sooriyaa Kurdootaan durfamu akka dhabamsiisan waamicha dhiyeessaniiru.
Namoonni siyaasaa Kurdoota deggeran waggoota darban keessa hidhamaa turan.
Erga fincilli PKK jalqabee namoonni gara 40,000 ta'an du'aniiru.
Dhiheenya kana Onkoloolessa bara 2024 keessa haleellaa PKKn waajjira muummee Industiriiwwan eerospeesii Turkii irratti raawwateen namoonni shan du'an.
Comments
Leave a Comment