Awurooppaan deeggarsa waraana Ameerikaa malee Yukireenirraa Raashiyaa deebisuu dandeessi?

Facebook Twitter LinkedIn
Awurooppaan deeggarsa waraana Ameerikaa malee Yukireenirraa Raashiyaa deebisuu dandeessi?

Doonaald Tiraamp jeneraalota isaayyuu caalaa dandeettii humna waraanaa Biriteen irratti amantaa guddaa kan qaban fakkaata. Isumaayyuu loltoota Biriteen kanneen soorama bahan.

Waa'ee waabii nageenaa Ameerikaan Yukireeniif laattu irratti muummicha ministeeraa UK waliiin ibsa gaazexesitootaf kennaniin, " Ingilizoonni loltoota ciccimoo fi humna waraanaa cimaa qaban. Kanaaf, biyyasaanii tiksuu danda'u." Jedhan.

Haata'u malee, pirezidaantiin Ameerikaa kun waraanni UK Raashiyaa loluu danda'uu fi dhiisuusaa waan jedhe hin qabu.

Uummata duratti qondaaltonni waraanaa olaanoo Ameerikaa ogummaa humna waraanaa Biriteen faarsu. Garuu qofaatti, xiqqeenya lakkoofsa isaanii qeequ. Keessumaa dhiheenyaa kana Biriteen humna waraanashee hir'isuun amma loltoota 70,000 ta'an qabdi.

"Baayʼee xinnoo" jechuun Jeneraalli Ameerikaa ol'aanoo tokko yeroo UK deeman walgahii keessoo tokko irratti dubbate.

Akka Inistiitiyuutii Qorannoo Tarsiimoo Idil-addunyaa jedhutti, baasiin waraanaa Raashiyaa humna bittaadhaan amma baasii ittisaa waliigalaa Awurooppaa kan caaludha.

Humna bittaa isaa %41 kan dabale yoo ta'u, amma GDP %6.7 waliin kan wal gitudha. Faallaa kanaatiin humni bittaa UK bara 2027'tti %2.5 qofa taati.

Yaadni Pirezidaanti Tiraamp waliigaltee dhukaasa dhaabuu kabachiisuuf loltoota Ameerikaa Yukireenitti bobbaasuu miti. Fedhiin Ameerikaan Yukireen keessaa qabdu dinagdee qofa, dantaa albuudaa fayyadamuuf loltoota erguu dandeetti.

Innis mataan isaa Raashiyaan akka lola dhaabdu taasisu danda'a jechuun yaada dhiheessa. Garuu bulchiinsi isaas Raaashiyaa dhaabuuf humni cimaan tokko tokko jiraachuu qaba jedhee yaada – kunis biyyoota birootiin kennamuu qaba akka yaada isaanitti.

Dhimmisaa Awurooppaa ilaallata. Gaaffiin jiru Awurooppaan fedhii qabaachuu fi dhiisuu isaa miti: lakkoofsas qabaa?

Gabaabumatti deebiin isaa hin qabdu kan jedhudha.

Kanaaf Ministirri Muummee UK Sir Kiir Istaarmer waraana addunyaa irratti humna guddaa qabu Ameerikaa irraa wabii nageenyaa argachuuf dhiibbaa gochaa ture.

Awurrooppaa keessatti Biriteen qofaa miti kan Waraana Ololaan booda humna waraanaa ishee hir'ise.

Amma ammooo Awurooppaan suuta suutaan baasii ittisaa dabalaa jiru.

Garuu Awurooppaan, ofii isheetiin, humna loltoota idil-addunyaa kuma 100 hanga 200,000 kennuu hin dandeessu. Pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelensky Raashiyaan akka deebitee isaan hin haleelle gochuuf humna guddaa kanatti barbaachisa jedha.

Kanaa mannaa, qondaaltonni lixaa humna hanga loltoota 30,000 ta'an gahaa ta'uu yaadaa akka jiran dubbataniiru.

Jeetiifi dooniiwwan waraanaa Awurooppaa qilleensaa fi buufatalee doonii Yukireen to'achuu gargaara jedhu.

Humni waraanaa iddoowwan ijoo - magaalota, buufata doonii fi buufataalee humna niwukilaraa Yukireen irratti "amantaa" kennuu irratti kan xiyyeeffatu ta'a.

Haata'u malee, osoo babbaafamanii humni kun sarara waraanaa kan taate Baha Yukireenitti hin ergaman.

Garuu qondaaltonni Awurooppaa kun kun gahaa akka hin taane beeku, kanarraa ka'uun US akka isaan deeggartu gaafachaa jiru.

"Loltoonni Ameerikaa humnoonni bobbaafaman kamiyyuu Raashiyaan akka hin moo'amne godha. Kunis "humnoota Ingilizii nagaan bobbaasuu akka danda'u amantaa muummicha ministeeraa kennuuf" barbaachisaadha.

Angawoonni kunneen akka amananitti, yoo xiqqaate, US humnoota Awurooppaa kamiifuu " ajajaa fi to'annoo" kennuu dandeessi. Akkasumas jeettiiwwan waraana Ameerikaa kanneen buufatashee Poolaandi fi Rumaaniyaa jiru irraa deebii kennuudhaaf akka qophaa'an gochuu dandeessi jedhu.

Awurooppaan dandeettii hordoffii ykn dandeettii odeeffannoo walitti qabuu Ameerikaa qabdu wajjin wal gituu hin dandeessu.

Akkasumas Yukireeniif meeshaa waraanaa dhiyeessuu itti fufuuf walii galuu danda'a.

Awurooppaan meeshaa waraanaa biyyoonni lixaa Yukireeniif dhiyeesse ilaalchisee US kan caaltu ta'us, US meeshaa guggurdaa kanneen akka misaa'ela fageenya dheeraa fi sirna ittisa qilleensaa kenniteetti jedha maddi warra lixaa tokko.

Biyyoonni Awurooppaas ofii isaaniitiin waraanaa guddaa gaggeessuuf dandeettii hin qaban. Dhiyeessiin meeshaa waraanaatuu loojistikii Ameerikaa irratti hirkata ture.

Duulli boombii NATO bara 2011 Liibiyaa irratti gaggeessite hanqina isaan qaban kan mul'iseedha. Waraanichii Awurooppaa dursame jedhamus, deeggarsa Ameerikaa irratti kan hirkate ture.

Garuu Sir Kiir Istaarmer wabii deeggarsa waraanaa Ameerikaa tokko malee Waashingitan gadhiisee waan ba'e fakkaata .

Ministirri Fayyaa UK Wes Streeting ganama kana BBC waliin haasawa taasisaniin, Doonaald Tiraamp keewwata NATO shanaffaa - kan haleellaan michuu tokko irratti raawwatame hunda irratti kan raawwatame jedhu - gahaa ta'uu mala jechuun yaada dhiyeessan.

Garuu Ministirri Ittisaa Ameerikaa, Piit Hegseet, kanaan dura loltoonni idil-addunyaa kamuu gara Yukireen ergamnaan humna NATO akka hin taane ykn waliigaltee isaatiin akka hin haguugamne ibsaniiru.

Yeroo ammaa kana wabii nageenyaa NAT'n deeggarame hin jiru.

Jabinni Awurooppaa qoratamaa jira. Muummichi ministeeraa UK, dhuma torbee kanaa walgahii hoggantootaa kan waamu ta'a. Jechootni Tiraamp biyyoota kana amansiisuun UKtti makamanii loltootasaani akka bobbaasan arguuf deema.

Ammaatti humni guddaan Awurooppaa loltoota erguuf fedhii qabu Faransaay qofaadha.

Biyyoonni Awurooppaa Kaabaa - Deenmaark, Siwiidinii fi Biyyoonni Baaltik - fedhii qaba garuu ammas wabii nageenyaa Ameerikaa barbaadu.

Ispeen, Xaaliyaanii fi Jarmaniin hanga ammaatti mormaniiru.

Kiir Istaarmer US humna Awurooppaa akka deeggartuuf bakki marii jira jedhee amana.

Garuu gaaffii Doonaald Tiraamp - Biriteen waraana Raashiyaa loluu dandeessi?

Humnoonni Raashiyaa laafanis, deebiisaa hin dandeettu!

admin

admin

Content creator at LTD News. Passionate about delivering high-quality news and stories.

Comments

Leave a Comment

Be the first to comment on this article!
Loading...

Loading next article...

You've read all our articles!

Error loading more articles

loader